Daandiin qilleensaa Itoophiyaa tajaajila balallii gara Naayijeeriyaa magaalaa Inuuguutti taasisu dhaabee ture jalqabuufi.

99

Finfinnee, Fulbaana 10/2014 (TOI)- Daandiin qilleensa Itoophiyaa tajaajila balalii gara Naayijeeriyaa magaalaa Inuuguutti taasisu waggoota lama dura dhaabee irra deebiin jalqabuuf akka ta’e ibsameera.

Daandii qilleensa Itoophiyaatti hoogganaan Biiroo Naayjeeriyaa obbo Shimallis Arraagee, tajaajila balallii gara magaalaa Naayjeeriyaa magaalaa Inuuguutti taasisu erga dhaabee waggoota lama booda irra deebiin eegaluuf akka jiru ibsaniiru.

Daandiin qilleensichaa tajaajila balallii kana kan eegalu Fulbaana 21, 2014 ta’uu fi Xiyyaara Booyiing 787 akka fayyadamu ibsameera.

Tajaajilli balallii kun kan kennamu torbanitti guyyoota sadii ta’uus obbo Shimallis himaniiru.

Tajaajjilli balalii kun addaan cite kan ture Abbaan Taayitaa Balallii Naayjeeeriyaa daandii qilleensichaa haaromsuuf cufee turuusaatiin akka ta’e ibsameera.

Daandiin qilleensaa kun tajaajila balallii osoo addaan hin kutiin dura balallii idil addunyaa gara magaalittiitti kan taasisu daandii qilleensa Itoophiyaa qofa akka ta’e obbo Shimallis yaadachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015