Meeshaaleen waraanaa seeraan ala daddabarfamaa ture to'atame

52

Finfinnee, Fulbaana 9/2014 (TOI) - Meeshaaleen waraanaa seeraan ala Godina Lixa Goondar aanaa Amaacootii gara magaalaa Goondar seenuuf imaalichifamaa ture to'atamuu ibsameera.

Shugguxiin Turkii 82 fi Rasaasonni isaa kumni 20, qawee Kilaash Kooviin 2 rasaasa isaa 50 dha kan to'atame jedhameera.

Tajaajjilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa shakkamaa kana jalqabaa eegalee hordoffii taasiiseen Keellaa Saanjaa jedhamutti qaamalee nageenyaan to'annoo jala akka oolu taasiifamuu ibsameera.

Shakkamaa olaanaa qabuuf hordoffiin taasiifamaa jiraachuu himameera.

Meeshaalee kanneen to'annoo jala oolchuuf Tajaajjilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa, Komishiniin Gumrukaa fi Komishiniin Poolisii Federaalaa qindoominaan hojjechaa turaniiru jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015