Lammiilee weerara garee shororkeessaa ABUT’n buqqa’anii magaalaa Dasseetti baqatan kuma 254 oliif deeggarsi namoomaa taasifameef.

61

Fulbaana 9/2014(TOI) Lammiilee weerara garee shororkeessaa ABUT’n qe'ee isaaniirra buqqa’anii magaalaa Dassee qubatanii jiran kuma 254 ol ta’aniif mootummaan deeggarsa namoomaa taasisuufii isaa godinni Walloo kibbaa beeksise.

Deeggarsi kenname kun midhaan nyaataa kuntaala kuma 350 ta’uun ibsameera.

Lammiileen magaalattiitti baqatan ilaalchisee godinichatti gaggeessaan ittisa balaa fi wabii midhaan nyaataa miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Itti gaafatamaan qindeessaa waajjirichaa obbo Masaay Maaruu akka ibsaniitti lammiileen magaalattiitti baqatanii jiran weerara gareen shororkeessaa ABUT bakkeewwan garaagaraarraa kan buqqa’anidha.

Lammileen kuneen godina walloo Kaabbaa fi kibbaa keessaa aanalee garaagara kannee akka Kooram, Oflaa fi aanoolee naannoo Affaar garaagaraa irra kan buqqa’an ta'uun eeraniiru.

Dasseetti manneen barnootaa 14, Kombolchaatti immoo 8 waliigalaan manneen barnootaa 22 buqqaatotaaf bakka qubannaa yeroo akka ta’u taasifameera jedhan.

Tajaajila fayyaa dabalatee deeggarsi namoomaa bu’uuraa akka guutaman ta’aa jiraachuu himanii, ummanni kan qaburraa buqqaatota kanaaf qooduu isaaf galateeffataniiru obbo Masaay.

Deeggarsii namoomaa bu’uuraa qaqqabaa jiraatus hir’inni zayitii nyaataa jiraachuu eeranii, lubbuu lammiilee buqqa’anii baraaruuf Itiyoophiyaanonni hundi gargaaruu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015