Garee shororkeessaa Shanee uummata saamuu fi ajjesuu adda dabasamee kennamuu akka qabu abbootiin gadaa Gujii murteessan.

70

Nagallee, Fulbaana 7/2014 (TOI) Godina Gujii lixaatti garee shororkeessaa Shanee uummata saamuu fi ajjeesuu uummanni dabarsee akka seeratti keennu abbootiin gadaa Gujii murtee dabarsan.

Abbootiin gada Gujii , manguddoo biyyaa fi uummanni godinichaa miidhaa gareen kun uummata irraan gahaa jiru dhaabsisuuf akkata danda'amuu irratti Magaalaa Bulee Horaatti mari'ataniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT qonnaan bultoota fi horsiise bulaa godinicharraan miidhaa takka dhaga'amee hin beeknee kan saalfachiisa ta'ee geesisaa jiraachuu marii kanarratti himameera.

Marii kanarrattis gareen kun Diina Oromoo jedhamee akka wamaamu fi ummannis garee kana dabarsee seeraatti akka kennu murteeffameera.

Kora kanarratti walitti Qabaan Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoofi Abbaan Gadaa Gujii Jiloo Maandhoo akka jedhanitti haleella gareen kun raawwatuun lubbuu nama badaa jira.

Oromoon uummata aadaa gabbataa waliif yaadu, wal kabaju qabu ta'uu kan himan abba gadaa Jiloo Mandhoo, Gujiin yoom illee deeggaraa garee nama ajjesuu fi saamuu hin ta'u jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015