Atileet Hayilee Gabresillaaseen lammiilee naannoo Amahaaraatti qe’ee isaaniirraa buqqaniif deeggarsa taasise.

57

Finfinnee, Fulbaana 6/2014(TOI)- Atileet Hayilee Gabresillaaseen Lammiilee naannoo Amaaraatti gocha badii garee shororkeessaa ABUT raawwateen qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqaniif deeggarsa taasiseera.

Atileet Hayileen lammiilee naannoo Amahaaraatti qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deegarsa nyaataa Birrii miiliyoona 2 fi kuma 500tti tilmaamamu taasisuu ibsame.

Deeggarsa kana magaalaa Kombolchaatti argamuun maqasaa fi maqaa dhaabbata Alam Internaashinaaliin lammilee buqqa’aniif deeggarsa taasiseera jedhame.

Dabalataanis guyyoota muraasa booda lammiilee gocha badii shororkeessaa ABUT raawwateen naannoo Affaarirraa buqqa’aniif deeggarsa kan taasisu ta’uu Atileet Hayileen ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015