Ingiliiz haga ammaatti Itoophiyaaf deeggarsa talaallii Covid - 19 doolaara miiliyoona 1.5 ol taasiste jirti.

68

Finfinnee, Fulbaana 6/2014(TOI)- Ingiliiz haga ammaatti Itoophiyaaf deeggarsa talaallii vaayirasii koroonaaf doolaara miiliyoona 1.5 ol taasisuu ibsameera.

Ministirri deettaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa, Itoophiyaatti Ambaasaaddarra Ingiliiz Aleeks Kaameeroonii fi Daayreektarri haadholii fi daa’immanii Dooktar Masarat Zalaalam Buufata Fayyaa Kotobeetti hojii talaallii covd-19 irratti hojjetamaa jiran daawwataniiru.

Dooktar Darajjeen hanga ammaatti Ingiliiz Itoophiyaaf talaallii vaayirasii koroonaa karaa 'Koovaaksiin' Doolaara Ameerikaa miiliyoona 1.5 ol taasisuu ishee daawwannaa kanarratti galateeffachuun, deeggarsi kun fuuldurattis akka cimee itti fufuu gaafataniiru.

Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Ingiliiz gama isaaniitiin mootummaan Ingiliiz deeggarsa talaallii kana biyyoota michoota isheef itti fufiinsaan kan kennitu ta’uu ragaan Ministeera Fayyaa irraa argannee ni mul’sa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015