Raayyaan Ittisaa dargaggootaa fi Milishoota naannoo Tigraayiif waamicha dhiyeesse

55

Finfinnee, Fulbaana 5, 2014 (TOI) – Miseensoonni garee shororkeessaa ABUT mootummaaf harka akka laatan Raayyaan Ittisaa waamicha dhiyeesseera.

Raayyaan Ittisaa dhimmicha ilaalchsisee ibsa Tajaajila Oduu Itoophiyaaf ergeen hoggantoonni juuntaa muraasni fedhii aangoof qabanii fi itti gaafatamummaa seeraa jalaa ba’uuf jecha dargaggootafi Milishaa Tigraay waraanatti ugguruun wareegama gatii hin qabne kaffalchiisaa jiraachuu himeera.

Garichi olola sobaan ummanni naannichaa uummata ollaa isaa fi ummata Itoophiyaa mara akka diinaatti ilaaluun gara badiitti akka seenaan taasiisaa jiraachuu ibsichi eereera.

Daraggoonni Tigiraay hololaa garee shororkeessaa kun sobaan oofuun wareegama gatii hin qabne kaffaluurra karaa nagaan mootummaatti harka akka laatan Raayyaan Ittisaa Waamicha dhiyeesseera.

Daraggoonnii fi Milishaan Tigiraay kunneen karaa nagaan harka yoo laatan mootummaan lubbuu isaaniif wabii kan laatu ta’uu ibseera.

Yakka gareen badii kun raawwate, saamicha gaggeessee fi gocha gara jabinaa Raayyaa Ittisaarratti raawateen uummanni Itoophiyaa daangaa hanga daangatti diina kanarratti duuluuf ka’uu isaa ibsichi eereera.

Garichi Lola kaayyoo hin qabneef dirqamaan dargaggoota waraanaaf filaa haadholiin hedduu osoo dhala qabanuu dhala malee hambisaa jiraachuu himeera.

Dargaggoonni fi Milishoonni naannoo Tigraay waraana kaayyoo hin qabne kanaaf wareegama hin malle kaffaluurraa akka of qusatan akeekkachiiseera.

Waraanni juuntaan durfamu moo’atamuun isaa kan hin oolle waan ta’eef, wareegama bu'aa hin qabne kaffaluurra of qusachuu akka qaban hubachiiseera.

Raayyaa Ittisaa adda waraanaatti argamutti karaa nagaan harka yoo laatan Raayyaan ittisaa simachuun kunuunsa kan taasiisuu fi maatii isaanii waliin wal arguun jireenya tasgabbii qabu akka jiraatan haala kan mijeessu ta’uu himeera.

Raayyaan Ittisaa waamicha kana kan dhiyeesse amala ummataa fi aantummaa ummata Tigraayiif qabuuf ta’uu ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015