Giddugalli Leenjii Loltummaa Xollaay loltoota leenjii bu’uuraa fudhataa turan eebbise.

79

Finfinnee, Fulbaana 04/2014(TOI)-Giddugalli Leenjii Loltummaa Xollaay loltoota mana barumsaa leenjii kabaja olaanaatti leenjii loltummaa bu’uuraa fudhataa turan eebbise.

Sirna eebbichaarratti Ittigaafatamaan olaanaa qajeelcha humna namaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Meejar Jeneraal Haacaaluu Shallamaa fi ajajaa olaanaa Giddugalichaa Birgaadeer Jeneraal Xumsiidoo Fattaalloo argamaniiru.

Eebbifamtoonni kunneen waamicha birmadummaa biyyaalessaa hordofee giddugalichatti leenjii bu’uuraa fudhachuun kan xumuran ta’uun ibsameera.

Teeknika loltummaa, ga’umsa qaamaa dabalatee leenjii gochaa qabatamaan deeggarame hordofuu isaanii ibsameera .

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015