Pirojeektoota misoomaa hojiin isaanii duraan jalqabaan xumuruun xiyyeeffannoo duraa argachuu qaba - Obbo Musxafee Muhaammad.

56

Finfinnee, Fulbaana 3/2014 (TOI) - Pirojeektoota misoomaa hojiin isaanii duraan jalqabaan xumuruun xiyyeeffannoo duraa argachuu qaba jedhan Pirezidaantiin naannoo Somaalee Obbo Musxafee Muhaammad.

Pirezidaanti Musxafeen naannichatti hojiiwwan pirojeektii misoomaa Biiroo hojii Raawwachiftootan hojjetamaa jiran gamagaman.

Gamagamni kun hojiin Pirojeektoota kana haala akkamirra akka jiran adda baasuu fi akkata yeroo gabaaba keessatti haala kamiin xumuruun akka danda'amu qopheesuu irratti kan xiyyeeffatedha jedhameera.

Obbo Musxafeen Biiroleen hundi Pirojeektii hojjechiisan yeroo kaa'ameef keessatti maaliif akka hin xumuramnee ariitiin sababa isaa adda baasuu qabu jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015