Naannoon Saboota, Sablamootafi uummatoota kibbaa naannoo Amahaaraatti lammilee sababaa garee shororkeessaa ABUT'n buqqa'anfi deeggarsa birrii miiliyoona 25 taasise

65

Finfinnee, Fulbaana 02/2014 (TOI) - Naannoon Saboota, Sablamootafi uummatoota kibbaa naannoo Amahaaraatti lammilee sababaa garee shororkeessaa ABUT'n qe'ee fi qabeenya isaanirraa buqqa'anfi deeggarsa birrii miiliyoona 25 taasise

Naannichi deeggarsa maallaqaan cinaatti lammilee qe'ee fi qabeenya isaanirra buqa'aan kanaaf deeggarsa waantoota nyaataf olaaniifi meeshalee adda addaa taasiseera.

Deeggarsa birrii miiliyoona 25 naannoo saboota, Sablamoota fi uummatoota kibbaa taasise kana pirezidaantiin naannichaa obbk Ristuu Irdaawu pirezidaantii naannoo Amahaaraa obbo Aganyoo Tashaagaritti dabarsanii kennaaniiru jechuun EBC gabaaseera.

Pirezidaanit Ristuu Irdaawu har'a ganama jila isaaniin durfamu biroo waliin Bahaar Daar galuun isaanii ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015