MM Abiy Ahimad harka qalleeyyiif kennaa ayyaanaa laatan - ENA Afaan Oromoo
MM Abiy Ahimad harka qalleeyyiif kennaa ayyaanaa laatan
74
Finfinnee, Qaammee 5/2013 (TOI) – Ministirri Muummee FDRI dooktar Abiy Ahimad ayyaana bara haaraa sababeeffachuun maanguddoota harka qalleeyyiif kennaa ayyaanaa arjoomaniiru.
Dooktar Abiy Ahimad Mana maanguddoota deeggarsaa hin qamnee, qaama miidhamtootaa fi harka qalleeyyitti qaamaan argamuun kennee ayyaanaa laataniiru.
Zayita nyaataa, Hoolaa, Daakuu fi Qullubbii ayyaana ittiin oolan arjoomaniiru.
Akkasumas ergaa baga geessanii fi hawwii gaarii bara haaraa dabarsaniiru.