Namtichi sa'a hatee bifa geeddaruudhaan gabaa baase hidhaan adabame

187

Jimma Bitootessa 17/2011 Godina Jimmaatti waan ajaa'iba ta'etu dhagaa'ame. Bubuluun waa dhaga'uuf akkuma jedhamu.

Waan nama ajaa'ibu kun kan dhaga'ame godina jimmaa aanaa Shaabee Somboo keessatti Gaaree Ganataa jedhamee iddoo beekamutti.

Guraandhala 05 bara 2011 guyyaa keessaa sa'aatii 10 yeroo ta'u jiraataa naannawa sanaa jalaa saani bifti ishii dimmaa taate jala badde.

Barii saani kun baddettis namtichi biraa sa'a kana bifa ishee gara daalachaatti geedaruun gabaaf dhiyeessuu isaatu dhaga'ame.

Godina Jimmaatti itti gaafatamaan waajjira poolisii aanaa Shaabee Somboo saajiin Amaanu'eel Waaqjiraa  akka jedhanitti, oddeeffannoo namoota irraa argameen saani bade kun gabaaf dhiyachuun ishee dhaga'amee namticha saani jalaa badde  gaaaa fuudhani deemnaan sababa bifti sa'a kanaa jijjirameen kan koo miti jechuu isaa dha kan himan.

Poolisiin dhimmicha gadi fageenyaan qorachuu isaaniis guyyuma kana namtichi sa'a kana hate bifa jijjiiree  gabaa baase kana achumatti qabuu isaanii dubbataniiru.

Abbaan sa'aas turtii yeroo bodda saani bifti ishii geeddaramee gara gabaa baate kun kan isaanii ta'uu bira ga'uu danda'aniiru jedhan saajiin Amaanu'eel.

Poolisiinis yakkamaa kana irratti ergaa ragaa qindeessee booda  Guraandhala 14 bara 2011  mana murtii adeemuu isaa himaniiru.

Manni murtii aanichaas dhaddacha Bitootessa 05 bara 2011 ooleen himatamaan Tamaam Abbagoojjam jedhamu hidhaa salphaa waggaa 2 fi ji'a 4 adabee jira.

Saani hatamtes abbaaa qabeenyaf akka deebitu murtaa'uu isaa himameera. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015