“Itoophiyaan tattaaffii rakkoo waayitawaa ishee mudate keessaa bahuuf taasisaa jirtu kan dinqisifatamuudha”-Ambaasaaddara Jaappaan

54

'Finfinfinnee,Qaammee 03/2013(TOI)-
Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Jaappaan Itoo Takakoo, Itoophiyaan tattaaffii rakkoo waayitawaa yeroof ishee mudate keessaa bahuuf taasisaa jirtu kan dinqisifatamu ta’uu himaniiru.

Ambaasaaddarittiin turtii TOI waliin taasisaniin, Itoophiyaan misooma galmaan gahuuf ariitiin adeemaa jirtis jedhaniiru.

Hariiroo Itoophiyaan Jaappaan dabalatee biyyoota michootashee biroo waliin qabdu yeroo gara yerootti dagaagaa dhufuun kan nama dinqisiisuudha jedhan.

Tarkaanfii biyyattiin olaantummaa seeraafi birmadummaa biyyaa eegsisuuf garee Shororkeessaa ABUT irratti fudhachaa jirtus mootummaansaanii kan hubatu ta’uu himaniiru.

Hariiroon Itoophiyaafi Jaappaan waggoota 90 ol kan lakkoofsise yoo ta’u, ammas jaalala cimaan kan itti fufe ta’uu ragaaleen ni hubachiisu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015