Duula birmadummaa biyyaa kabachiisuuf taasifamaa jiru deeggaraa oomisha misoomsan kunuunsaa jiraachuu Qonnaan bultoonni Godina Baalee himan.

94

Finfinnee, Qaammee 1/2013(TOI)- Duula birmadummaa biyyaa kabachiisuuf taasifamaa jiru deeggaraa oomisha qonnaa misoomsan kunuunsaa jiraachuu Qonnaan bultoonni Godina Baalee himan.

Leenjiin toohannoo aramaafi dhukkuboota midhaanii irratti xiyyeefate qindeessummaa Dhaabbata Keemteeksiif waajjira misooma Qoonna Godina Baaleetiin qonnaan bultoota adda dureef qooda fudhattoota qonnaatiif magaalaa Goobbaatti kenname.

Qonnaan bultoonni leenjicharratti argaman yaada kennaniin misooma qonnaarratti muuxannoo yeroo dheeraa qabaatanillee sababa laafiinsa kunuunsaafi to’annoo midhaaniif taasisaa turan irraa kan ka’e hanga dhamaatii isaanii argachaa akka hin ture himaniiru.

Keessattuu hanqinni hubannoo to’annoo aramaafi itti fayyadama keemikaalaa irratti ture omishtummaa isaanii irratti dhiibaa uumaa turu himaniiru.

Leenjiin dhaabbata keemteekis too’annoo aramaaf itti fayyadama keemikaalaa irratti isaaniif kenne kunuunsa midhaaanii waqtaawaa geeggessuu keessatti human guddaa nuuf tahas jedhaniiru.

Itti gaafatamaan waajjira Qonnaafi qabeenya uumamaa Godina Baalee Obboo Tasfaayee Oliiqaa gama isaaniitiin godichatti oomishaaf oomishtummaa qonnaa dabaluun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf hojjatamaa jira.

Sadarkaa godinichaatti waqtii yeroo gannaatiin lafti heektaara kuma 256 midhaan akaakuu gara garaatiin misoomsuuf qabu keessaa dhibbentaa 58 misoomuun kunuunsi taasifamaa jiraahuus eeran.

Hoogganaan Ittia aanaa Biiroo Qonnaafi qabeenya uumamaa Oromiyaa Obboo Geetuu Gammachuu gama isaaniitiin sadarkaa naannootti lafti qonnaa heektaata miiliyoon 5.8 misoomee kunuunfamaa jira.

Leenjiin hubannoo tohannoo,kunuunsaaf itti fayyadama keemikaalaa irratti qonnaan bultoota adda duree dabalatee qooda fudhattoota qonnaatiif dhaabbata keemteekis wajjiin qindaahuun kenname miidhaa midhaan irra gahu xiqqeessuun oomishtummaa dabaluu keessatti shoora ol’aanaa qaba jedhan.

Akka obboo Geetuun jedhanitti mootumaan naannichaa qamadii biyyaa alaatii galu oomisha biyya keessaatiin bakka buusuuf lafa bara 2013 tti jallisiin oomishame heektaara kuma 300 dachaan dabaluun haal -dureen tumsan hundi mijachuu himan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015