Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa meeshaan waraanaa Adamoof oolu kanaan gara Sudaan fe'e 'seera qabeessa' jedhe

60

Finfinnee, Qaammee 1/2013(TOI)- Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa meeshaan waraanaa Adamoof oolu kanaan gara Sudaan fe'e 'seera qabeessa' fi ragaalee barbaachisoo mara kan guuttate' jedhe.

Meeshaa waraana kan adamoof oluu kana seera qabeessumma isaa kan mirkaneessuu Xalaayaa Ministeerri dhimma alaa Sudaan qabaachuu isaas daandiin qilleesichaa beekiseera.

Gabaasni Eejansiin Oduu Sudaan (SUNA) meeshaan waraanaa kun "yakka biyyarratti raawwatamuuf" faayidaarra akka ooluuf ergame jedhee gabaase sobadha jedheera.

Daandiin qileensaa Itoophiyaa meeshaleen adamoof olaan kun seera qabeessa fi ragaalee barbaachisuu hundaa kan qabudha jedheera.

Meeshaaleen kun haga nageenyummaan isaanii mirkanaa'uttis yeroo dheeraaf Finfinnee ture daandiin qilleensicha beeksiseera.

Kana hordofuunis meeshaa waraanaa tajaajila adamoof oluu kan kan fudhatu meeshaa waraanaa kana gara Sudaanitti akka ergamuufi ykn doolaraa kuma 250 akka kanfaluuf mana murtii Sudaanitti daandii qilleensa Itoophiyaa himateera jedhameera.

Daandiin qileensa Itoophiyaas qamoolee nageenya Itoophiyaarra nageenyammaan Meeshichaa erga mirkanaa'ee booda gara Sudaanitti meeshicha karaa seera qabeessa Imaalchisuu beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015