''Kan itoophiyaaf hojjete ni Boqota malee hin du'u'' - Dooktar Abiy Ahimad

79

Finfinnee, Hagayya 28/2013 (TOI) “ Kan Itoophiyaaf hojjete ni boqota malee hin du'u'' jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Dooktar Abiy Ahimad boqochuu Artiistii hangafa Alamaayyoo Asheeteen gadda itti dhaga'amee ibsaniiru.

“Biyya isaa baay'ee kan jaalatuu fi Biyya isaatiif onneerraa kan hojjetu Artisti Alamaayyoo Asheeteen boqochuu yeroon dhaga'u gaddi guddaa natti dhaga'ameera'' jedhaniiru.

Torbee kana keessaa aartistoonni Dargaggoonniifii buleeyyiin Sirba Waa’ee Itiyoophiyaa Kan yeroo waliin walsimate akka baasaniif qindeessaa turuu isaanii quban qabas jedhan.

Hojiin isaa Itiyoophiyaa akka ol kaaseetti jiraatu jedhan.

Namni Itoophiyaaf Hojjete ni boqota malee hin du’u jechuun Dr. Abiyyi karaa fuula miidiya hawaasummaa isaaniin ibsanii jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015