‘Birrii 100 lammii koof ‘mata duree jedhuun sagantaan galii walitti qabuu sadarkaa biyyaatti geggeeffamuufi.

62

Finfinnee Hagayya 27/2013(TOI) ‘Birrii 100 lammii koof ‘ mata duree jedhuun sagantaan galii walitti qabuu sadarkaa biyyaatti adeemsifamuuf ta’uu waajjirri liigii dargaggoota paartii badhaadhinaa beeksise.

Waajjira liigii dargaggoota paartii badhaadhinaatti hoogganaan ----damee siyaasaa Yilmaa Tarrafaa dhimmicha ilaalchisuun ibsa kennaniiru.

Ibsa Kanaan sagataa galii walitti qabuu ‘birrii 100 lammii koof’ jedhuun warraaqsi dargaggootaa galii walitti qabuuf ni taasifama jedhan.

Warraaqsa Kanaan dargaggeessa tokkorraa birrii dhibba tokko tokko walitti qabuun humnoota nageenyaa adda waraanaarra jiranii fi waraana garee shororkeessaa ABUT baneen lammiilee buqqaa’aniif arjoomuuf kan karoorfame ta’uu himaniiru.

Warraaqsichaan dargaggoota miiliyoona 1 tuqaa 8 hirmaachisuuf kan karoorfame yoo ta’uu, birrii miiliyoona 180 funaanuuf akka karoorfamees jedhameera.Sagantaa Kun sadarkaa biyyoolessaatti Phaagumee 1/13/2013 jalqabee guyyoota walitti aanan 10'f adeemsifama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015