Labsiin kadhannaa fi Soomaa guyyoota shaniif labsame

82

Finfinnee, Hagayya 27/2013 (TOI) – Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Itoophiyaa ibsa har’a keneen guyyoota shaniif labsii kadhannaa fi Soomanaa labseera.Labsiin kun Qaammee 1-5, 2013tti guyyoota shaniif kan turu ta’uu himameera.

Yaa'ichi ayyaana bara haaraa sababeeffachuun waamicha nagaa irratti kan xiyyeeffate ibsa keneera.

Ibsichaanis rakkoo yeroo ammaa biyya mudate dhifamaa fi jaalalaan akka furamuuf namni hunduu akkaataa amantaa isaatti sirna sagadaa fi somanaa akka taasisan waamicha dhiheessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015