Godina Booranaatti warqiin kiiloogiraama 8.17 karaa seeraan alaa deddeebifamaa ture qabame

76

Finfinnee Bitootessa 16/2011 Godina Booranaatti karaa seeraan alaaደeddeebifamaa kan ture warqii kiiloogiraama 8.17 kaleessa Bitootessa 15/2011 qabamuu isaa abbaan taayitaa Albuudaa Oromiyaa ibse.

Godina Gujii Shaakkisoo irraa ka’ee godina Booranaa Yaa’abal’ootti warqiin qabame tilmaamni isaa birrii miiliyoona 10 ol ta’uusaa daayirekterri olaanaa abbaa taayitichaa Injiinar Yirdaawu Nagaash har’a ibsa kennaniin beeksisaniiru.

Warqiin kun karaa seeraan alaa biyya keessaa utuu ba’aa jiruu eeruu  ummataan, gargaarsa nagaa eegdota abbaa taayitichaan konkolaataa Finfinnee koodii 2 paatirool keessaa Yaa’abal’ootti qabameera.

Naannichatti keessumaa naannawa Shaakkisootti warqii, emeraaldii fi albuudonni gurguddoo biroon karaa seeraan alaa akka socho’an eeranii, ummanni hordoffii gochuun qaama ilaallatutti eeruu akka kennu waamicha dhiyeessaniiru.

Dallaalonni(Faddaalonni) seeraan alaa ijaarsa mootummaa waliin waltumsuun albuudota gurguddoo dabalatee meeshaalee garaagaraa seeraan alaa deddeebisaa akka jiran dubbataniiru.

Keessumaa godinoota addaa Oromiyaa naannoo Finfinneetti akkasumas naannawa Shawaa bahaa fi dhihaatti albuudonni galtee ijaarsaaf oolan karaa seeraan alaa ba’aa jiru.

Dallaalonni(Faddaalonni) naannawoota kanatti argaman nagahee tokko malee albuudota baasuun seeraan ala gurguraa waan jiraniif abbaan taayitichaa tarkaanfii fudhatu cimsee itti fufa jedhaniiru.

Kanumaan konkolaatota, abbaa konkolaatotaa fi namoota albuudota kana nagahee malee bitan irratti itti fufiinsaan tarkaanfii akka fudhatan ibsaniiru.

Qaamonni nagahee malee bittaarratti hirmaatan ummanni qaama nageenyaa fi dhaabbata abbaa taayitichaatti sadarkaan jiraniif eeruu akka kennan waamicha taasisaniiru.

Dargaggoonni naannawichatti argaman waldaaleen 300 ol ta’an gurmaa’anii albuuda xixiqqoo baasuun hojiitti bobba’uu isaanii injiinar Yirdaawu ibsaniiru.

Naannoo Oromiyaatti dhaabbileen 76 mootummaa federaalaa irraa eeyyama albuuda barbaaduu fi baasuu kan fudhatan yoo ta’u, hojiirra kan jiran garuu muraasa ta’uu isaanii ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015