Godina Baalee magaalaa Roobeettti meeshaleen kontorbaandii qarshii miiliyoona 1 olitti tilmamaamu toohatamuu poolisiin magaalaa Roobee beeksise.

98

Finfinnee, Hagayya 25/2013(TOI) - Godina Baalee magaalaa Roobeettti meeshaleen kontorbaandii qarshii miiliyoona 1 olitti tilmamaamu toohatamuu poolisiin magaalaa Roobee beeksise.

Ajajaan poolisaa magaalaa Roobee komaandar Margaa Garbii TOI akka himanitti uffaanni kontiroobaandii karaa seeraan alaa magaalaa Roobeetii bahuufamuuf osoo jiruu gaafa guyyaa 21/12/2013 harkaan to'atame.

Komaandar Margaan akka jedhanitti konkolataan FSR lakkoofsa gabatee koodii 3-15440 A.A tahe toohatamuus eeran.

Konkolaachisaan yeroof kan miliqe yoo tahu poolisoonni hordoffii taasisaa jiraachuus komandar margaan himanii jiru.

Hojiin daldala seeraan alaa diinagdee biyyaa waan miidhuuf hawaasni carraaqqii mootummaan kontorbaandii too'achuuf taasisu akka tumsu gaafatanii jiru.

Magaaluma kanatti torbaan lamaan dabran keessatti meeshaaleen kontorbaandii gosa gara garaa birrii miiliyoona 1 olitti tilmaamamu eeruu hawaasaatiin too'atamuu komaandar Margaan himanii jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015