Waggaa 8ffaa hidha haaromsaa Itiyoophiyaa sababeeffachuun Finfinneetti egzibiishiniin baname

78

Finfinnee Bitootessa 17/2011 Guyyaa hidhi haaromsaa guddichaa Itiyoophiyaa dhakaan bu'uuraa itti kaa'ame waggaa 8ffaa sababeeffachun egzibiishiniin suuraa, viidiyoo fi fakkii Finfinnee addababayii Minilikitti  baname.  

Egzibiishinichi kaleessa irraa eegalee hamma Bitootessa 19tti daawwattootaaf banaa ta'uun beekameera.

Sagantaa dawwii kanaa irrattis hidhi guddichi Itiyoophiyaa eessaa ka'ee garam akka ga'ee fi barattoota dabalatee hanga ammaatti eenyuun akka daawwatamaa ture suuraa fi viidiyoon dhiyaateera.

Hirmaannaan ummanni hidha guddichaaf gochaa jiru tumsuu keessatti sagantaan kun bu'aa guddaa qabaachuun isaas beekameera.

Qindeessituun hidha guddicha Itiyoophiyaa kan magaalaa Finfinnee adde Zawuduu Gabra Kidaan  akka jedhanitti, guyyaa dhagaan bu'uuraa itti kaa'amee eegalee magaalaa Finfinneetti qarshiin biiliyoona 1.4 walitti qabamuu danda'eera.

"Hirmaannaan ummaataa isa duraa irraa harkifachuutu muldhata" kan jedhan adde Zawuduun, hojjiin hidha kanaa hanga xumuramutti ummanni deeggarsa isaa itti fufuu qaba jedhaniiru.

Hirmaannaan ummataa daran akka cimuuf deeggarsi jiraataa magaalattii akkuma Kanaan duraa jabaatee akka itti fufu dhamsa isaanii dabarsaniiru.

Hirmaataan egzibiishinichaa obbo Sulxaan Garoomsaa tajaajila oduu Itiyoophiyaaf yaada kennaniin, ijaarsi hidha guddichaa harkifateera erga jedhamee as hirmaannaan ummataas hira'ataa dhufeerra jedhaniiru.

Yeroo ammaa ummanni deeggarsa isaa cimsee akka itti fufu haalli ijaarsi hidha guddichaa irra jiru ummataaf ifa ta'uu akka qabus dubbatanirru.

Hojjata mootummaa ta'uu isaanii kan himan obbo Sulxaan hanga ammaatti qarshii kuma 8 deegarsa gochuu isaanii himaniiru.

Yaada isaa kan kenne dargaggoon Mulugeetaa Laqqachoon gama isaatiin" ijaarsi hidha guddichaa harkifachuun irratti muldhatus qabeenya biyyaa waan ta'eef yeroo ammaa garru xummuramuutu irra jiraata" jechuun yadda isaa kennerra.

Miidiyaan biyya keessa jiranis sagantaa hidha guddichaa irratti xiyyeeffatuuf yeroo dheeraa kennanii hojjachuun akka irra jiraatus himeera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015