Manneen barnootaa Itoophiyaatti argaman % 90 sadarkaa barbaachisuu gadi qabu - Ministeera barnootaa

144

Hagayya 21/2013(TOI) Itoophiyaatti manneen barnootaa kuma 40 ol jiran keessaa % 90 sadarkaa barbaadamuun gadi ta’uu isaanii ministeerri barnootaa beeksise.

Ministeerichi qaamoleen dhimmi ilaallatu kan naannolee hundaa fi bulchiinsa magaalotaa lamarraa walitti dhufan waliin har'a magaalaa Bishooftuutti marii eegaleera.

Deetaan ministiraa obbo Miliyoon Maatiyaas maarii kanarratti haasaa taasisaniin waliin gahiinsa barnootaa fi haqa qabeessummaa waliin gahinsa barnootaa ilaalchisee firii gaariin argamus qulqullina eegsisuurratti rakkooleen bu’uuraa ammas ni jira jedhaniiru.

Manneen barnootaa sadarkaa barbaadamanii gadi ta’an kunneen qabiyyee ijaarsaa qabaniin, qindoomina galtee fi walii galaan qulqullina barnootaa eeguuf rakkoon jiraachuu hubachiisaniiru.

Sadarkaa manneen barnootaa guddisuuf pirojektiin ijaarsa dandeettii barsiisaa fi ogummaa daayirektara manneen barnootaatti pirojektiin kalaqamee hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

‘’Bu’aqabeessummaa pirojektii kanaaf biiroleen manneen barnootaa naannolee ,qaamoleen deeggartootaa fi dhaabbileen qorannoo qindoominaan hojjechuu irraa eegama’’ jedhan.

Manneen barnootaatti jijjiirama bu’uuraa fiduun yoo dadhabame dhaloonni dhufu adaraa biyyaa fudhachuuf rakkoo ta’uu himaniiru.

‘’Manneen barnootaa jijjiiruuf dura taa’aan daayirektarri mana barnootaa murteessaadha’’ kan jedhan obbo Miliyoon, barsiisonnii fi daayiraktaroonni adeemsa jijjiiramaa waliin jijjiirama fiduuf hojjechuu qabu jedhan.

Sadarkaa manneen barnootaa 270 guddisuu fi qulqullina barnootaa fiduuf yaaliin taasifamaa jiraachuu kan ibsan immoo gargaaraa dhaabbata Taargeet Itoophiyaa doktar Abduu Zallaqaa dha.

Waggoota dhufan shanitti pirojektiin sadarkaa guddisuu fi qulqullina barnoota eegsisuuf manneen barnootaa kuma 10 karoorfameera.

Raawwii pirojektichaaf deeggarsi baankii addunyaa fi dhaabbata tola oolaa Ingiliz irraa argamee paawundii miiliyoonnni 19.5 ramadamuu beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015