Manni murtii Raayyaa Ittisa Biyyaa Ajajaa Kibbaa miseensoota Raayyaa Ittisa Biyyaa miseensa ajajichaa ta’anii garee ABUT’f hojjachaa turan irratti murtoo balleessummaa dabarse.

76

Finfinnee,Hagayya 19/2013(TOI)- Manni murtii Raayyaa Ittisa Biyyaa Ajajaa Kibbaa miseensoota Raayyaa Ittisa Biyyaa miseensa ajajichaa ta’anii garee TPLF’f hojjachaa turan irratti murtoo balleessummaa dabarse.

Miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa kunneen waadaa heera biyyattiifi biyyasaaniif galan cinaatti dhiisanii sosochii waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa gara badiitti geessaniifi hojiiwwan humna addaa naannoo Tigraayi cimsaan raawwachaa akka turan dhaaddachaa kanarratti ibsameera.

Keessumaa sanadoota iccitii Raayyaa Ittisa Biyyaa, humna addaa naannoo Tigraayiif dabarsanii kennuun, meeshaaleen waraanaa addaa raayyaa ittisa biyyaa tajaajila isaanirraa eggamuu akka hin kennineef garee dhoksaa gurmeessuun hojii meeshaalee kanneen faayidaan alaa gochuurra akka turan himameera.

Galmee himatamtootaa kana jalatti:-

1.meeshaaleen ergama addaaf qopha’aan tajaajila akka hin kennine gochuu

2.guyyaa Raayyaan ittisaa humna shanee barbadeessuuf socho’uu dursaanii odeeffannoo kennuufi ergamichi bu’aa barbaadame akka hin argamsiisne gochuu

3.hojiiwwaan iccitii Raayyaa ittisaa garee shororkeessaaf akka qaqqabuu taasisuu

4.Ergama hoggansa oliirraa kennamuu cinaatti dhiisuun adeemsa ajandaa dhoksaa qaama shororkeessaa raawwachuu dandeessisuu qofarratti xiyyeeffachuu

5.‘’humni addaa Tigraayi humna waraanaa Badhaadhinaa boji’aa jiru’’ jechuun olola sobaa arfaasuun dhalatoota Tigraayi kan raayyaa Ittisaa keessatti argaman kakaasuun kaayyoo dhaabbataniif cinaatti dhiisuun qaama gochaa yakkaasaanii akka ta’an gochuu

6.Ergama biyyaaleessaa dhaabbataniifirraa hojiiwwan humna addaa naannoof mijatan hojjachuu himanni jedhu tarra’eera.

Miseensoonni Raayyaa ittisaa himatamaniis himata irratti baname ganuun kan morman yoo ta’u gareen haqaa ajajichaa raga namaafi sanadaa dhiyeessuun mormeera.

Manni murtii Raayya ittisaa dhaaddacha kana hordofees himatamtoonni himata irratti dhiyaate haalan mormu waan hin dandeenyeef yakkamtoota jechuun murtoo adabbii kennuuf bellamaa jijjiramaa qabachuun dhaaddachicha xumureera jechuun EBC'n gabaasera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015