Waltajjiin marii Tirasti Fandii Diyaasporaa Itiyoophiyaa Naayiroobiitti ni adeemsifama

62

Naayiroobii Bitootessa  16/2011 Waltajjiin marii tirasti Fandii diyaasporaa Itiyoophiyaa Ebla dhufu Naayiroobiitti akka admeemsifamu ministeerri dhimma alaa RDFI ibse.

Keeniyaatti Embaasiin Itiyoophiyaa ibsa tajaajila oduu itiyoophiyaatiif ergeen akka beeksisetti, waltajjiin marii koree qindeessaa Naayiroobii tirasti fandii diyaasporaa Itiyoophiyaa Ebla 12/2011 magaalaa guddoo Keeniyaa Naayiroobiitti ni adeemsifama.

Dhimma kanarratti miseensonni koree kanaa ambaasaaddara RDFI Mallas Alam waliin mari’ataniiru.

Waltajjiin marii kun Itiyoophiyaanota biratti caalaatti walitti dhiheenyaa fi aadaan wal gargaarsaa Itiyoophiyummaa akka gabbatu gochuuf kan kaayyeffate ta’uusaas eeraniiru.

Waltajjiin marii kaka’umsaa fi qindeessummaa diyaasporaatiin adeemsifamu kun lammiif kan qaqqabu lammii ta’uusaa qabatamatti kan mirkaneessu ta’uusaas dubbataniiru.

Ambaasaaddar Mallas Alam gamasaaniitiin dhimmi Itiyoophiyaa dhimma hundaa waan ta’eef milkaa’ina waltajjichaaf embaasiin Naayiroobiitti argamu deeggarsa guutuu akka taasisu miseensota koreetiif ibsaniiru.

Tirasti fandiin diyaasporaa buusii hawaasa diyaasporaarraa argamuun hanqinoota misooma hawaasaa Itiyoophiyaa keessatti mul’atan guutuuf yaada ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin dhaabbachuun isaa ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015