Godina Gujii magaalaa Adoolaatti hirrii Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggarsuu fi garee shororkeessaa ABUT fi Shanee balaaleffatu geggeeffame.

67

Nagallee, Hagayya 17/2013 (TOI) - Godina Gujii magaalaa Adoolaatti hirrii Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggarsuu fi garee shororkeessaa ABUT fi Shanee balaaleffatu geggeeffame.

Hiriira kana irratti jiraattoonni hirmaatan badii biyyaa diigu gareen shororkeessaa ABUT fi Shanee raawwataa jiran ni balaaleffanna jechuun sagalee isaanii dhageesisaniiru.

Hirirtoonni kunneen dhaadannoo egamtoota keessaa fi alaan badhaadhinni biyya keenyaa hin gufatu, Cidha Shanee fi ABUT biyya keenya diiguuf taasisan tokkummaan ni qolanna , Shaneen ergamtuu ABUT,qabatanii bahaniiru.

Gootichi Raayyaan Ittisa Biyya gaacha biyya keenyaati fi kanneen biroos qabatanii bahuun deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaaf qaban mul'isaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015