Namoonnii malaammltummaan shakkaman 75 to'annaa jala oolan

90
Mudde16/2011 Naannoo  oromiyatti namoonni itti gaafatamummaa sadrkaa addaddaarratti  argaman  yakka malaammaltummaan shakkaman 75  to'annaa jala ooluusaanii komishiniin farra malaammaltummaa naannichaa beeksise. Komishinichi hojii qulquleessuu dameewwan isaa sagagali  irratti geggeessen amma ammaatti  namoonni shakkaman to'annaa jala oluu isaanii  koomishinarri koomishinii  farra malaammaltummaa oromiyaa  obbo Abbabaa Kabbadaa  ibsaniiru.. Haaluma kanaan, Daayiraktara olaanaa dhaabbata liqii fi qusannaa Oromiyaa fi miseenssonni koree maanajimantii dhaabbatichaa,
  • Obboo Tashomaa Laggasaa
  • Obboo Tashoomaa Kabbadaa
  • Adde Maskaram Dabbabaa
Daayiraktara oolaanaa ejinsii bittaa fi qabeenya dhabamsiisuu Oromiyaa fi miseensota koree manajimantii akkasumas yeroo ammaa abbaa taayitaa olaanaa naannichaa kan ta'an ,
  • Obboo Mahaammad Qaasiim
  • Obboo Indaalkaachoo Balaachoo
  • Obboo Yilmaa Dheeressaa
Daayiraktara olaanaa abbaa taayitaa daandiiwwanii Oromiyaa duraanii,
  • Obboo Abdoo Galatoo
Itti aanaa itti gaafatamaa biiroo magaalaa fi misooma manneenii Oromiyaa kan turanii fi yeroo ammaa hoji- gaggeessaa paarkii Industirii Boolee Lammii kan ta'an,
  • Obboo Mangistuu Raggaasaa
Kantiibaa magaalaa Shaashamannee duraanii Obboo Fayyisaa  Raggaasaa fi  itti aanaa kantiibaa Obbo Abdoo Gabayyoo, akkasumas abbaa adeemsa hojii Obboo Gammadaa Badhaasoo, Godina Jimmaatti bulchaan aanaa Maanchi Obboo Faantaa Baqqalaa fi kanneen biroo yakka malaammaltummaan shakkaman namoonni 75 to'annaa jala ooluusaanii komishinichi dubbataniiru. Tarkaanfichi kan jalqabaa ta'uusaa kan ibsan Obbo Abbabaan, komishiniin faraa malaammaltumma Oromiyaa fi mootummaan naannichaa shakkamtoota seeratti dhiheessuuf xiyyeeffannaan akka hojjetan ibsa kennamerraa beekuun danda'ameera. Madda-  Biiroo koomunikeeshini naannoo Oromiyaa
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015