Jiraattoonni Naannoo Beenishaangul Gumuuz Magaalaa Asoosaa Gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaruun hiriira bahan.

65

Finfinnee,Hagayya 16/2013(TOI) - Jiraattoonni Naannoo Beenishaangul Gumuuz Magaalaa Asoosaa Gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaruun hiriira bahan.

Jiraattonni kunniin fiigicha daandirraafi sochii qaamaa taasisuun deeggarsa Gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaaf qaban agarsiisaniiru.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Asoosaa obbo Umar Mahaammad nageenya Itoophiyaa mirkaneessuuf dirqama irratti kan argamu Gooticha Raayyaa Ittisaa Biyyaaf deeggarsi taasifamaa jiru cimee itti fufa jedhan.

Lammiilee mallaqaan, haamileen, galaa qopheessuufi dabalataaniis qaaman duuluun Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa taasisan galateeffachuun fuulduratti cimee akka itti fufu dhaamaniiru.

Itti Gaafataman Kutaa Waraana 22ffaa Kumaalaa Makkataa Nuradiin Raayyaa Ittisa Biyyaafi qaamoleen nageenyaa garee TPLF irraatti tarkaanfii keessa deebii hin qabne fudhachaa kan jiran ta’uufi guyyaan badii garee TPLF dhiyoodha jedhan.

Komishinarri Komishiniin Ispoortii Naannoo Beenishangul Gumuuz obbo Abduulmuniyam Adam ergamtoota garee shororkeessaa TPLF dhabamsiisuuf duula taasifama jiruuf hawaasni deeggarsa gama hundaan taasisuu itti fufu qaba jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015