Jijjiirama dhufe itti fufsiisuuf ODP cinaa dhaabatanii ga’eesaanii akka ba’an Naqamteetti miseensonnii fi deeggaratoonni dhaabbatichaa ibsan

87

Naqamte Bitootessa 16/2011 Sochii jijjiiramaa naannichaa fi biyyattiitti jalqabame akka itti fufu Paartii demokiraasummaa Oromoo(ODP) cinaa dhaabatanii ga’eesaanii akka ba’an magaalaa Naqamteetti miseensonnii fi deeggartoonni dhaabbatichaa ibsan.

Ayyaanni hundeeffama ODP waggaa 29ffaa Bitootessa 16/2011 galma walga’ii magaalaa Naqamteeti mariidhaan kabajameera.

Miseensa kabaja ayyaanichaarratti hirmaatan keessaa Dr. Tamasgeen Gaarumaa yaada kennaniin, injifannoowwan siyaasaa fi misoomaa paartichi argamsiise itti fufiinsa akka qabaatu kan deeggaran ta’uu dubbataniiru.

 “ Kun akka dhugoomu nageenyi waan hunda waan dursuuf paartichi naannichatti nageenya buusuuf yaaliin taasisaa jiru qaama hundaan deeggaramuu qaba” jedhaniiru.

Yaada kan kennan kan biraan adde Saadiyaa Ahimad gamasaaniitiin, jijjiiramni haaromsaan asitti dhufe fayyadamummaa dubartootaa haqa qabeessa ifatti kan mirkaneese waan ta’eef jijjiiramicha itti fufsiisuuf paarticha cinaa dhaabatanii ga’eesaanii akka ba’an ibsaniiru.

Pirojektoonni misoomaa magaalaa Naqamtee fi naannawasheetti dhagaan bu’uraa kaa’amee hin jalqabamiin jiran ijaaramanii hawaasaaf tajaajila akka kennan mootummaa naannichaa kan hoogganu ODPn xiyyeeffannoo akka kennuuf gaafataniiru.

Hojiiwwan jijjiiramaa gama hundaan jalqabaman fiixaan akka ba’an Qeerroo, abbootii Gadaa fi hayyoota qindeessuudhaan paarticha cinaa dhaabatanii akka hojjetan miseensonniifi deeggartoonni dhaabbatichaa yaada kennaniin mirkaneessaniiru.

Bulchiinsa magaalaa Naqamteetti itti gaafatamaan waajjira ODP obbo Maatiyoos Sobbooqaa gamasaaniitiin, paartichi ummataaf mataa bowwuu kan ta’an gochaawwan kiraa sassaabdummaa fi farra demokiraasii ittisuuf sochii  jijjiiramaa jalqabame cimsee akka itti fufu beeksisaniiru.

“Ayyaanicha wayita kabajnu injifannoowwan argaman eeggachaa, humnoota nageenyaa fi misooma hin barbaanne adda baasuudhaan seeratti dhiheessuuf  hojjechuun ta’uu qaba” jedhaniiru.

Bulchiinsi magaalaa Naqamteetti dura taa’aan paartichaa obbo Boggaalee Shuumaa akka jedhanitti, ummanni Oromoo ijaarsa sirna demokiraasii keessatti bu’uura kan kaa’e ta’uu kana caalaatti cimsuuf paartichi ni hojjeta jedhaniiru.

Ummanni magaalichaa guddinaa fi badhaadhinaaf sabaa fi sab lammoota hunda waliin jaalalaa fi wal danda’uudhaan gamtaan akka hojjetus yaadachiisaniiru.

Sochii farreen ummataa nageenya naannichaa booressuuf taasisan ittisuuf ga’een miseensotaa fi deeggartoota dhaabbatichaa olaanaa ta’uu beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015