Namoonni ergama shanee fudhachuun socho’aa turan 22 to’annoo jala oolan

51

Finfinnee, Hagayya 15/2013 (TOI) – Aanaalee ollaa Naannoo Oromiyaa fi Sidaamaatti namoonni ergama Shanee fudhachuun socho’aa turan 22 to’annoo jala ooluu Biiroon Bulchiinsaa fi Nageenyaa Naannoo Sidaamaa beeksiise.

Namoonni to’annoo jala oolaan kunnneen ergama ABO Shanee fudhachuun naannolee lamaanitti rakkoo nageenyaa uumuuf wayita yaalan to’atamuu Hogganaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa naannoo Sidaamaa obbo Alamaayyoohu Xiimootiiyoos ibsaniiru.

Hawaasa Gujii fi Sidaamaa gidduutti ergama badii raawwachuuf wayita socho’an to’atamuu ibsaniiru.

Hoggantoonni mootummaa namoota kanneen keessatti kan argaman ta’uu dubbataniiru.

Nageenya naannoo akka eeganiif Poolisoonni dirqamni itti laatame itti gaafatamummaa itti kenname dagachuun walitti bu’iinsi akka uumamu gumaacha kanneen taasiisanis to’atamuu himaniiru.

Namoonni kunneen walitti bu’iinsa sabaarratti xiyyeeffate magaalaa Hawaasaa fi Shashamanneetti umuuf kaayyeeffatanii wayita socho’aa jiran to’atamuu obbo Alamaayyoohun eeraniiru.

Sochiin gareen shororkeessaa ABUT fi shanee naannoo Kibbaa, Oromiyaa fi Sidaamaatti rakkoo nageenyaa uumuuf taasiisaa turan fashalaa’u bakka bu’aan Ajeja Lixaa Raayyaa Ittisaa Koloonel Girmaa Ayyalaa dubbataniiru.

Godina Gujiitti daandii cufuun rakkoo nageenyaa uumuuf kanneen yaalii taasiisan tarkaanfii qaamolee nageenyaa fi ummataan hedduun isaanii barbadaa’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015