Shaampiyoonaa Atileetiksii Adduunyaa umrii 20 gadiin Itiyoophiyaan hanga ammaatti meedaliyaawwan 5 argachuun sadarkaa 3ffaarratti argamti.

118

Fnfinnee, Hagayya 15/2013(TOI) - Shaampiyoonaa Atileetiksii Adduunyaa umrii 20 gadiin Itiyoophiyaan hanga ammaatti meedaliyaawwan 5 argachuun sadarkaa 3ffaarratti argamti.

Shaampiyoonaa Atileetiksii adduunyaa umrii 20 gadii Keeniyaatti dorgomomaa jiruun Itiyoophiyaan hanga ammaatti meedaliyaawwan 5 argachuun sadarkaa 3ffaarratti argamti.

Meedaliyaawwan galma’aan keessaa dorgommii figichaa dhiirotaan meetira kuma 3’n Atileet Taaddasaa Warquufi Alii Abdulmannaa Meedaliyaa Birrii injifachuun isaani ni yaadatama.

Atileet Taaddasaa Warquu dorgommii fiigicha meetira kuma 5 irratti hirmaachuun meedaliyaa Birrii argamsiisuu danda’eera.

Dubartootan dorgommii fiigicha meetira kuma 3 kophaashee Itiyoophiyaa bakka bu’uun kan hirmaatte Atileet Malkinaat Wudduu sadaffaa bahuun Nahaasa argamsiisteetti.

Dorgommii gufachisaa meetira kuma 3 dubartootan guyyaa kaleessaa adeemsifameen Atileet Zarfee Wandimmagaanyi 2ffaa bahuun meedaliyaa Birrii kan argamsiifte yoo ta’u, Itiyoophiyaan lakkoofsa meedaliyaa Shaampiyoonaa kanarratti argattee shanin gahaattetti.

Biyyii shaampiyoonaa kana qopheessite Keeniyaan gabatee meedaliyaa olaantummaan dursaa jirti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015