Daandiin qilleensaa Indooneejiyaa waliigaltee bittaa Booyiing 737 maaks 8 addaan kutuuf gaafate

65

Finfinnee Bitootessa 16/2011 Daandiin qilleensaa Garudaa Indooneejiyaa walii galtee bittaa xiyyaarota Booyiing 737 Maaksi 8 doolaara biiliyoona 6n bituuf ture walii galteen addaan akka cituuf gafate.

Garudaan xalayaa barreessen xiyaarri booyiing 737 maaksi 8 lakkoofsaan 49 ta'an walii galtee isaanii kutuuf  gaafachuu isaa Ofiisarri faayinaansii Garudaa Fo'aad Riizaal himaniru.

Ajaaja booyiingi 737 maaksi 8 kanaas xiyyaara Moodela biraan akka geeddaramuuf gaafachaa jiraachuus dhaamaniru.

Garudaan gaafiin walii galtee kun adda akka cituuf dhiyeesuun isaa daandii qilleensaa hundarra kan calqaba isa tasiseera.

Sabaabni gaaffii kanaas daandiin qilleensaa Itiyyoophiyaa Booyiingi 737 Maaksi 8 kufee caccabuun lubbuun namoota 157 darbuu isaati.

Daandiin qilleensaa layoonis xiyyaarri isaa ji'a Onkoloolessaa keessa kufee caccabuu isaatiin walii galtee booyiingi 737 maaki  8 addaan kutuuf yaddaa jiraachuus himaniiru.

Daandiin qilleensichaa maamiltoonni isaa xiyyaara Booyiingi 737 Maaksi 8n imaluuf amantaa waan dhabaniif walii galtee bittaa addaan kutuuf gaafii dhiyyeessu isaa kan dubbattan ammoo hojii gaggeessaa Garudaa Aari Ashikaaharii dha.

Xiyyaarri Itiyyoophiyaa kufee caccabusaatiin  biyyoonni 50 ol ta'an Xiyyaarri Booyiingi 737 Maaksi 8 akka balallii dhaabu dhorkamuun ni yaadatama.  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015