Uffata raayyaa ittisa biyyaa uffachuun saamichaaf qophaa’aniiru jedhamanii kan shakkaman qabaman

54

Ambo Bitootessa 16/2011 Uffata raayya ittisa biyyaa uffachuun saamichaaf  qophaa’aniiru kan jedheen shakkamtoota lama qabuu isaa poolisiin magaalaa Amboo beeksise.

Ajajaan qajeelcha Poolisii magaalaa Amboo gargaaraa komishinaraa Tarreessaa Kaasayee Tajaajila Oduu Itiyoophiyaaf akka ibsanitti, shakkamtoonni kunneen kan qabaman kaleessa guyyaa naannoo sa’a 7:30tti.

Poolisiin eeruu ummatarraa isa qaqqabeen magaalichatti ganda 2 Araadaa bakka jedhamu mana jireenyaa isaaniitti kan qabaman.

``Shugguxii tokko, laaptooppii afur, bilbila harkaa, uffata raayyaa ittisa biyyaa harka shakkamtootaatti egziibiitummaan qabameera`` jedhan.

Shakkamtoonni dhiiraa fi dubartii kun akka gaa’elaatti waliin akka jiraatan  kan dubbatan gargaaraan komishinaraa uffata kana uffachuun uummata doorsisuun saamuuf qophaa’anii akka turan ibsaniiru.

Poolisiin shakkamtoota kan qabuun dhimma isaanii qorachaa akka jiru eeranii, uumannii gochi  shakkisiisaan yoo isaan mudate poolisiitti beeksisuun hojii yakka ittisuu agarsiisaa jiru cimsee akka itti fufu waamicha taasisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015