Mootummaan naannoo Oromiyaa midhaan nyaataa kuntaala kuma 2 olii lammilee naannoo Affarii buqqa'aniif gargarsaa kenne.

104

Finfinnee,Hagayya 7/2013(TOI) Gareen shororkeessaa ABUT waraana baneen lammiilee naannoo Affaarirraa buqqa’aniif Mootummaan naannoo Oromiyaa midhaan nyaataa kuntaala kuma 2 olii fi qoricha gargaarsa taasise.

Pireezidaantiin naannoo Affaar obbo Awwal Arbaa gargaarsa kana hooggantoota komishinii sodaa balaa Oromiyaarraa har’a magaalaa Samaraatti fudhataniiru.

Gargaarsichi birrii miiliyoona 8 olitti akka tilmaamamu sagantaa walharkaafuudhinsa deeggarsa kanaarratti himameera.

Deeggarsichi walgargaaruu fi waliin jiraachuu cimsuurra darbee rakkoo mudatu ofiin furmaata kennuu kan dandeessisu ta’uun eerameera.

Naannoo Affaaritti gareen shororkeessaa tplf waana baneen namoonni kuma 76 ol buqqa’uun isaanii odeeffannoowwan eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015