Shanee fi ABUT durumaa Itoophiyaa diiguuf waliin hojjechaa turan. Tokkoomne jechuun isaanii waan haaraa miti. - ENA Afaan Oromoo
Shanee fi ABUT durumaa Itoophiyaa diiguuf waliin hojjechaa turan. Tokkoomne jechuun isaanii waan haaraa miti.
Finfinnee 06/2013 (TOI) - Gareen shororkeesitootaa Shanee fi ABUT durumaayyuu Itoophiyaa diiguuf waliin hojjechaa kan turan waan ta'eef waliin hojjechuuf mirteessine kan isaan amma jedhan waan haaraa miti jedhe Waajjirri Ministira muummee.
Pirees seekirataratii Waajjira Ministira muummeetti hoggaantuu Afaanoota alaa fi miidiyaa dijiitaalaa Biillanee Suyyuum haala waqtaawwa ilaalichisuun gaazexeessitoota miidiyaalee biyya alaa Itoophiyaatti argamaniif ibsa kenaniiru.
Gareen shororkeessaa ABUT shanee fayyadamuun Oromiyaa keessaatti gochaa shorkeessummaa raawwachaa turu himaniiru.
Mootummaan gareen kun biyya diiguuf akka isaan hojjetan ragaa qabatamaa waan qabuuf garee shorkeessaatti isaan farrajuus himaniiru.
Kanaaf gareen shororkeessaa kun amma tokkoomne jedhanii waanni isaan labsaan waan haaraa akka hin taane himuun, amma garuu gareen kun biyya diiguuf waliin akka hojjetan ifoomsataniiru jedhaniiru.
Mootummaan ijji ittiin garee shororkeessaa kana laman ilaale sirrii ta'uus hawaasa addunyaa kan hubachiisedhas jedhaniiru.
Gareen kun lamaanuu uummata dhaabbadheeraf jedhan ajjeesuun kan beekaman ta'uu yaadachiisuun tokkummaan isaan uumne jedhaniis uummata Tigiraayi fi Oromoo kan bakka bu'u miti jedhaniiru.