Birmadummaa biyyaaf dhaabbachuu caalaa gootummaanis ta’e kabajni hin jiru - BDHKMNO

86

Finfinnee, Hagayya 6/2013 (TOI) – Birmadummaa biyyaaf dhaabbachuu caalaa gootummaanis ta’e kabajni hin jedha ibsi Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa naannoo Oromiyaa baase.

Humni shoroorkeessaa ABUT waggoottan 27 oliif kaayyoo biyya diiguu qabachuun hojjetchaa tureera.

Humni kun sabaa fi sablammoota biyyattii keessa jiran qoqqooduun ajandaa ittiin walitti bu’an kennuun ofii qabeenya ummataa saamuun hanga biyya alaatti bittinseera.

Gareen kun dararaa fi saamichi gaggeessaa tureen laphee isaa dhiibUun Onkolooleessa 24/ 2013 goota gaachana biyyaa kan ta’e raayyaa ittisa biyyaa keenya irratti waraana banuun goocha seenaan hin daganne raawwateera jedhi ibsi biirichi laate.

Raayyaan ittisa biyyaas qaama shoroorkeessaa kana barbadeessuun kan harca’e ammoo boolla sardiidaa tambeetti akka galu taasiseera.

Mootummaanis ummata Naannoo Tigraayif yaaduun tasgabbaa’ee qonna isaa akka qotatuufi rakkoof akka hin saaxilamne yaadun dhuunfaan waraanni akka dhaabbatu labsee bu’ura godhachuun raayyaa ittisa biyyaa naannicha gallakkisee akka bahu taasiseera.

Haa ta’u malee humni shororkeessaa kun ammas gochaa biyya diiguuf raawwatu Naannoo Aamaaraa fi Afaar irratti weerara baneera.

Naannolee lamaan kana keessatti iddoo itti socho’u hundatti namoota nagaa heddurratti ajjeechaa suukaneessa kan raawwate yoo ta’u, namoonni hedduunis akka buqqa’an taasiseera.

Naannoo Afaatti dhaabbata mana yaalaa tokko keessatti kan jiran namoota 200 ol ta’an jimlaadhaan kan ajjeese yoo ta’u, namoota kuma dhibba 3 oli akka buqqa’an taasiseera.

Gochaa badii humna shororkeessaa kana hanga dhumaatti barbadeessuf raayyaan ittisa biyyaafi qaamoolee nageenyaa hundaaf ajajni kennameefi jira.

Duula biyya baraaruuf taasifamu kanaan dargaggeessi biyyattii daangaa hanga daangaatti kan socho’e yoo ta’u, miseensi raayyaa ittisa biyyaa duraanis onneedhaan itti makamaniiru.

Duulli biyya baraaruu kun kan milkaa’u ummanni hundi sadarkaan jiru raayyaa ittisa biyyaafi qaama nageenyaf gaachana yoo ta’edha.

Ergama kana dhugoomsufis ummanni galaa qopheessuun,maallaqaan deeggaruun,dhiiga arjoomun gaachana ta’uu isaa qabatamaan mirkaneessaa jira.

Kunis duulli taasifamu yeroo gabaabaa keessatti akka xumuramu akka taasisu shakkiin tokkollee hin jiru.

Gama biraatin ummanni sadarkaan jiru hojii misooma isaa irraa daqiiqaafillee osoo gara duubaatti hin jedhiin hojjechuun adeemsa badhaadhinaa biyyi keenya qabatte milkeessuf tokkummaan hojjechuu qaba.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015