Teekinooloojii baayoogaaziin fayyadamoo ta'uu keenyaan qoraan nyaata ittiin bilcheeffannu qusachuu dandeenyee jirra … qonaan bultoota

97

Waldiyaa Bitootessa 16/2011 Teekinooloojii baayoogaaziin erga fayyadamuu jalqabnee asitti qoraan nyaata ittin bilcheeffanu qusachuu irra darbee fayyummaa keenyaas eegachaa jirra jedhan qonaan bultoonni godina Walloo Kaaba.

Bara bajataa qabamee jirutii ijaarsonni teekinooloojiiwwan baayoogaazii maatii 357 hojjetamaa akka jiran godina Walloo Kaabaatti qajeelchi bishaan, jallisii fi misooma anniisaa beeksiseera.

Godinichatti jiraattuu aanaa Giddaan ganda 06 kan ta'an adde Taklaa Yaalaawu akka jedhanittii, baroota darbaan keessaa maatii isaaniif nyaata kan bilcheessan bilcheessituu aadaa irratti ta'uu dubbataniiru.

Kanaanis aara qoraan keessaa ba'uun yeroo hedduu dhukkuba ijaaf saaxilamaa jiraachuu isaanii ibsaniiru.

Erga baayoogaaziitti fayyadamuu calqabanii garuu rakkoo Kanaan duraa irra bilisa ta'uudha kan beeksisan.

Teekinooloojii kanatti fayyadamuun isaaniis rakkoo manca'uu bosonaa kanaan duraa jiruuf furmaata akka ta'es himaniru.

Jiraattuun aanaa Maqqeet ganda 28 adde Malkee Wadaajoo gama isaaniitiin " teekinooloojii baayoogaazii kanaa nyaata ittiin bilcheessuu irra dabarree tajaajila ibsaafis olchaa jirra" jedhan. Kanaanis aara qoraan irraa ba'uun rakkoon fayyummaa isaan mudachaa ture furmaata argachuu isaa dha kan himan.

Tajaajili baayoogaazii nyaata bilcheessu maddiittis oomishaaf oomishtummaa isaanii akka guddisan isaan taasisuus eeraniiru.

Wajjiraa jallisiifi inarjii godina Walloo kaabaattii ogeessa baayoogaazii kan ta'an obbo Makoonin Asfaawu akka jedhanitti, jireenya qonaan bultootaa foyyessuuf baayoogaazii baballisuu irratti xiyyeeffatamee hojjetamaa Akaka jiru ibsaniiru.

Ogeessichi dabalataan akka jedhanitti waggoota laman darban keessattii qonnaan bultoonni 380 baayoogaaziitti akka fayyadaman tasifameera.

Bara kanaas qarshii miliyoona 3 ol ramaduun qonnaan bultoota 357 fayyadamoo taasisuuf hojjatamma jirachuu dubataniiru.

Baayoogaazota ijaarsa irratti argaman keessas 60 kan ta'an xumuramanii tajaajila kennuu akka eegalan eranii, Kanneen hafanis dhuma bara kanaatti akka xumuramaaan ibsaniiru.

Godinichatti baayoogaazonni ijaarsa xummurani tajaajila irra jiran waggatti kaarboondaayi oksaayidii toonii kuma 9 fi 120 qilleensa keessaa baasuu danda'uu isanii fi qoraan toonii kuma 164 fi 160 qisaasaumrraa hambissu isaa kan gabaase tajaajila oduu itiyoophiyaati. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015