Oromiyaatti lafa heektaara miiliyoona 6 oomishaan uwwisuuf qophiin taasifamaa jira

64

Naqamte Bitootessa 16/2011 Naannoo Oromiyaa bara oomishaa 2011/12tti lafa heektaara miiliyoona 6 sanyii midhaanii addaddaatiin uwwisuuf qophiin taasifamaa akka jiru biiroon qonnaa fi qabeenya uumamaa naannichaa beeksise.

Itti gaafatamaan itti aanaan biiroo qonnaa fi qabeenya uumamaa Oromiyaa obbo Dassaalenyi Dhugumaa tajaajila oduu Itiyoophiyaaf akka ibsanitti, bara oomishaa kanatti xaa’oo fi sanyiin filatamaa qonnaa Arfaasaa fi Gannaatiif oolu dhihaachaa jira.

Ogeeyyonni qonnaas humnasaanii guutuudhaan qonnaan bulaa akka tajaajilanii fi deeggaran leenjiin knnamaafii akka jiru dubbataniiru.

Ogeeyyota qonnaa godinoota Wallaggaa bahaa fi Lixaa akkasumas Qeellam Wallaggaa fi Horro Guduruu Wallaggaarraa walitti baba’an 708f torbee darbe leenjiin kennamuusaa eeraniiru.

Itti gaafatamaan biiroo qonnaa fi qabeenya uumamaa Oromiyaa obbo Dhaabaa Dabalee gamasaaniitiin, hooggantoonni godinaa fi aanaa akkasumas ogeeyyonni qonnaa qonnaan bulaan calla guddiftoota sirnaan itti fayyadamee oomishtummaasaa akka guddisu deeggarsa barbaachisu akka taasisan hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Kana cinaatti nageenya naannawaa mirkaneessuuf itii gaafatamni akka irratti gatames iti gaafatamaan kun beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015