Lammiin hundi Raayyaa Ittisa Biyyaa akka deeggaru qabu Koreen qabeenya walitti qabuu waamicha dhiheesse.

66

Finfinnee, Adooleessa 30/2013 (TOI) - Lammiin Itoophiyaa hundi Rayyaa Ittisa Biyyaa deeggaruu akka qabu Raayichaaf qabeenya walitti qabuuf koreen sadarkaa biyyaatti hundaa'e waamicha dhiheesse.

Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa maallaqaa karaan ittin walitti qabu keessaa tokko sararri ergaa gabaabaa lakkoofsi 6800 hojiirra ooluu jalqabuu himareera.

Lakkoofsa kana fayyadamuun lammileen Itoophiyaa hundi maallaqa danda'au rayyaa ittisa biyya akka deeggaru koreen kun himeera jechuun EBC gabaasera.

Walitti qabaan Korichaa fi Deetaan ministira Daldalaa Ambaasaaddar Misgaanuu Araggaa akkasuma Komishineerri gumurukaa Dabalee Qaabataa ibsa waloon kennaaniin raayyaa Ittisa Biyyaa deeggarsuun itti fufinsa biyyaa deeggaru ta'uu himaniiru.

Yeroo ammaa Itoophiyaan dhiibba adda addaa jala kan jirtu ta'uu hubachuun hawaasni waan irra eeggamu gochuu qaba jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015