Abudaabitti gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaaf birriin miiliyoona 14.3 deeggarsaan kenname.

65

Finfinnee, Adooleessa 30/2013 (TOI) - Lammileen Itoophiyaa Abudaabii jiraatan gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa birrii miiliyoona 14.3 walitti qaban.

Waldaan hawaasa Lammilee Itoophiyaa Abudaabii jiraatanii haala yeroo irratti miri'ataeera.

Marii kanarratti Ambaasaa Sulumaan Daddafoo haala yeroo Itoophiyaa ilaalichisuun haasaa taasisaniin Itoophiyaa biyya keenya diiguun uummata keenya bittimsuuf diinoonni alaa fi keessaa karoorfatanii lola nurratti bananiin uummataa fi mootummaa qoraa jiru jedhaniiru.

Birmadummaa biyya keenya eegsisuuf, akkasumas badiirraa hambisuuf lammileen Itoophiyaa fi dhalootan Itoophiyaa ta'an walta'anii hojjechuu barbaachisa jedhaniiru.

Deeggarsi raayyaa ittisa biyyaaf taasifamuus kallatti hundaan cimee itti fufuu akka qabu ambaasaaddar Sulumaan yaadachisaniiru.

Kana keessatti waldaan hawaasa Itoophiyaa Abudaabii jiruu gahee olaanaa bahuu akka qabu hubachiisaniiru.

Haaluma kanaan waldaan hawaasa Itoophiyaa Abudaabii marii haala yeroo irratti taasiseen tarkaanfii rayyaan ittisa biyyaa garee shororkeessaa irratti fudhachaa jiru dinqisiifachuun deeggarsaa raayyichaaf kan oluu birrii miiliyoona 6.5 kennuuf murteessera.

Haaluma wal fakkaatuun Waldaan hawaasa Itoophiyaa Dubaay fi Kaabaa Immireetoota marii taasisuun birrii miiliyoona 6.5 deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaa kennuuf murteessera.

Dippilomaatoonni Abudaabii jiraatanis Raayyaa Ittisa biyyaaf birri miiliyoona 1.3 deeggarsa taasisaniiru jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015