Maashinoota seeraa alaan nagahee sobaa maxxansaafamaa turan 31 to’atamun ibsame.

89

Finfinnee, Adoolessa 28/2013(TOI) – Bra bajataa darbee eenyummaa sobaan qabeenya biyyaafi uummataa saamuuf oolaa kan turan maashiniin gurgurtaa galmeessuu seeraan alaa 31 to’atamuun himame.

Nagaheen bittaafi gurgurtaan jiraachuu isaa kan mirkaneessuufi taaksii waliitti qabuuf kan oolu yoo ta’uu bittaafi gurgurtaan osoo hin gaggeeffamin nagahee kutuufi raabsuun yakkaa adabsiisudha.

Bara Baajata 2013 manni hojii ministeerichaa maashinoota seeraan alaa to’annoo jala oolchen bittaafi gurgurtaan biiliyoona 3.2 ittin kan gaggeeffame fakkeessuun nagahee kuutun hojii taaksii burjajjeessuf kan fayyadaman ta’uun ibsameera.

Nagahee sobaa maxxansiisun nagahee sobaa raabsame kaffaltonni Gibira tokko tokkoo kaffaltii gadi- xiqqeessun beeksiisun fayyida irraa oolaa kan turan ta’uun himame.

Namoota dhuunfaa nagahee sobaa maxxansiisuun gocha yakkaa kanarratti hirmaataniiru jedhaman 26 to’atamuun dhimmi isaanii seeraan ilaalama jira jedhameera.

Dhaabbilee wayita bittaafi gurgurtaa nagahee hin kunnee jedhaman 401 addaa baafamuun adabbiin bulchiinsa Birrii 20,450,00 kan itti murtaa’e yoo ta’uu namoota gocha kanarraatti hirmaataniiru jedhaman 532 to’annoo seera jala akka jiran ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015