Iiziin Lixaa garee shororkeessaa TPLF yeroo dhumaaf barbadeessuuf qophiidha-Ajaja Olaanaa Iizii Lixaa Meejar Jeneraal Massalaa Masarat

171

Finfinnee,Adooleessa 23/2013(TOI) - Miseensonni Raayyaa Ittisaa Biyyaa Iizii Lixaa garee shororkeessaa TPLF yeroo dhumaaf barbadeessuuf sadarkaa qophii amansiisaarratti akka argaman Ajajaa olaanaan Iizii Lixaa Meejar Jeneraal Massalaa Masarat himan.

Meejar Jeneraali Massalaan kana kan jedhan yeroo loltoota bu’uuraa haaraa Iizii Lixaatti makaman simatanittidha.

Gareen shororkeessaa TPLF akka bofaa biyyee arraabee ka’e Itoophiyaa diiguuf carraaqus abjuu itti ta’a jedhaniiru.

Miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Iizichatti makaman gama isaanitiin garee shororkeessaa TPLF diina Itoophiyaa ta’e guutuman guututti barbadeessuuf qophii ta’uusaanii mirkaneessuu isaanii ragaan fuula miidiya hawaasaa Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015