Gabaasni Faayinashiyaal Taayimiis dhimma Tigiraay ilaalchisee baase dhugaa lafarra jiru jedduu galeessa kan godhate miti.

77

Finfinnee, Adoolessa 23/2013 (TOI) Gabaasni barruun Faayinashiyaal Tayimiis jedhamu haala yeroo Tigiraay ilaalichisee baase gareen shororkeessaa ABUT Raayyaa Ittisa Biyyaa haleeluun walitti bu'insa kanaaf sababaa ta'uusa kan hin agarsiifne, Murtee mootummaan gama isaan waranaa dhabuu fudhate dhiisee daa'imman osoo hin hafne lola irratti himachisaa jirachuu garichaa fi haala qabatama dhugaa lafarra jiru jiduugaleessa kan godhate miti jedhame.

Gabaasa madalawaa hin taane kana ilaalichisuun Ameerikaatti Koreen dhimma Itoophiyaanoota xalayaa mormii dhaabbatichaaf barreessera.

Korichi Barruun kun dhimma gargaarsa namoomafi kanneen biroo gaaffii mootummaaf dhiheesse maaliif garee shororkeessaa ABUT dhiihessuu akka dhiise cimsee gaafatera.

Barrichi maaliif gareen shororkeessaa kun Raayyaa Ittisa biyyaa haleeluun walitti bu'insichi akka jalqabee barreessuu akka dhiisees gaafateera.

Gama isaan mootummaan murtoo waraana dhaabuu fudhatus garichi walitti bu'insicha gara naannoolee ollaatti babaal'isaa akka jiru gabaasicha keessatti hamatamuu dhabuun sirrii akka hin taanes eeramera jedhameera.

Gareen shororkeessaa kun daa'imman lolarratti hirmachisaa jira. Barruun kun gochaa seera Idil addunyaa cabse kana maaliif gabaasa isaa amma baase keessatti akka hin eerres gaafatameera jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015