Godinichatti balaan ibiddaa irra deddebi'ee quunnamaa waan jiruuf dhaabbanni ittisa ibiddaa fi balaa tasaa hundaa'uu akka qabu dhaamame

99

Godinichatti balaan ibiddaa irra deddebi'ee quunnamaa waan jiruuf dhaabbanni  ittisa ibiddaa fi balaa tasaa hundaa'uu akka qabu dhaamame

Sululta Bitootessa 16/2011 Godina addaa naannawa Finfinneetti industiriiwan hedduminaan waan jiraniif dhaabbanni ittisa balaa hundaa'uu akka qabu ibsame.

Odeeffannoon dhaabbata ittisa balaa magaalaa Finfinnee irraa argame akka mul’isutti, godina addaa naanawa Finfinneetti balaan ibiddaa tasaa yeroo hedduu ni mudata. Haa ta’u malee balaa ibiddaa mudatu kana to'achuuf hojjatoonni balaa ibiddaa magaala Finfinnee irraa waan dhufaniif amma eddoo balaan qaqqabe gahanitti qabeenyi hedduun ni barbadaa'a.

Gaazexeessaan tajaajila oduu itiyoophiyaa guyyaa kaleessaa balaa ibiddaa tasaa warshaa dungoo fi saamunaa Abisiiniyaa magaalaa Sulultaatti mudate gabaasuuf gara sana yeroo adeemetti jiraattonis yaada kana kaasaniiru.

Jiraattonni kunneen akka jedhanitti, balaawwan ibiddaa industiriiwwan naannawa isaanii jiranirra ga’an hatattamaan ittisuudhaan lubbuu namaa fi qabeenya badiirraa hambisuun akka danda’amu dhaabbanni ittisa ibiddaa fi balaawwan tasaa dhiheenyatti jiraachuu qaba.

Sulultaa eddoo balaan ibiddaa mudatetti kan argaman komishinarri komishinii ittisa balaa magaala Finfinnee Ahimad Mahaammadis dubbii kana ni deegaru.

Komishinarichi akka jedhanitti yeroo heddu balaan ibidda naanawa kanatti waan bayyatuuf dhaabbanni ittisa balaa dhabachuun irra jiraata.  

Kantiibaan magaalaa Sulultaa adde Roozaa Umar gama isaniitiin, naanichatti balaan ibiddaa yeroo baayyee waan mudatuuf dhaabbanni ittisa balaa hunda'uu qaba.

Bulchiinsi magaalaa Sulultaa yeroo ammaa konkolaataa balaa ibiddaa ittisuuf oolu bitaa jirachuu eeranii, dhaabbata ittisa balaa magaala Finfinnee waliin ta'uun hojjatootaaf leenjii kennuuf walii galtee irraa ga'amuus dubbataniiru.

Industiriiwwan naanawa kanatti argamanis rakkoo kana furuuf seeftii ittisa balaa fayyadamuu akka qaban komishinarichi dhaamaniru.  

Rakkoo kana guutummaatti furuuf ammoo ittisni balaa hundaa'uun akka irra jiraatus beeksisaniiru.

Abban aksiyoonaa Mansuur Nuur akka jedhanitti,  ittisni balaa naanawa sana osoo jiraatee industiriin isaanii guutummaatti gubachuu irraa akka baraaramu himaniiru.  

Dhaabbanni ittisa balaa dhabamuun isaas rakkoof akka isaan saaxilee dubbataniiru.  

Magaala Sulultaatti kaleessa ganama balaa qaqqaben warshaan dungoo Abisiiniyaa  gutummaatti kan gubatee yoo ta'uu, warshicha maddiitti kan argamu warshaan zayitaa irra ammoo balaa xiqaan qaqqabun isaa ni yadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015