Waltajjiin marii sagantaa fooyya'iinsa sirna haqaa naannoo Oromiyaa gaggeeffamaa jira

284

Finfinnee, Adooleessa 22/2013 (TOI)- Waltajjiin marii sagantaa fooyya'iinsa sirna haqaa naannoo Oromiyaa gaggeeffamaa jira.


Waltajjii kanarratti qaamoleen hoggansa mootummaa sadan, Pireezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Af- yaa'iin Caffee Oromiyaa Aadde Loomii Badhoo, Pireezdaantiin Mana murtii waliigala Oromiyaa Obbo Gazzaalii Abbaasimalii fi hoggansi mootummaa sirna haqaa keessatti qooda olaanaa qaban argamaniiru.


Sagantaan fooyya'iinsa sirna haqaa sadarkaa naannoo Oromiyaatti bara 1997 kan qophaa’e yoo ta'u, bara 1999’tti immoo danbii 82/99 n sadarkaa sadarkaan koreen qindaa'ee hojiitti galame.

Raawwii sagantaa kanaa irratti bara 2011 asitti harcaatiin waan mul'ateef rakkolee muudatan adda baasuun bara karooraa 2014tti sagantaa kana ciminaan hojiirra oolchuuf marii kun kan qophaa'edha.


Preezdaantiin Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Obbo Gazzaalii Abbasimal Guddina biyya tokkoo mirkaneessuuf Sirni Haqaa cimaan jiraachuu qaba jedhan.


Sababni isaa sirni haqaa cimaan jiraannaan olaantummaan seeraa ni kabajama, kanaaf sirna haqaa cimaa qabaachuuf qaamoleen haqaa qindoomina qabaachuun murteessaa ta'uus ibsaniiru.


Marii karoora sagantaa fooyya'iinsa sirna haqaa bara 2014 irratti miseensonni Koree olaanaan sagantaa fooyya'iinsa Sirna Haqaa, Preezdaantonni Manneen Murtii sadarkaa Godinaa fi Magaalotaa, Kantiibonni Magaalotaa akkasumas qaamoleen Haqaa sadan hirmaachaa jiru OBNtu gabaase.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015