Raawwiin hojii karoora bara baajataa 2013 magaalaa Finfinnee qoratamaa jira.

100

Finfinnee,Adoolessa 21/2013(TOI) - Kaabineen bulchinsa magaalaa Finfinnee, hooggantoonni dhaabbilee seektaraafi hojii raawwachistoonni olaanoon kutaalee magaalaa bakka argamanitti raawwiin hojii karoora bara 2013 qoratamaa jira.

Qorannoo kanarrattis kaantibaa ittaantuun magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee, sadarkaa kaantibaa ittaanaatti qindeessan dhaabbilee kenna tajaajila mootummaa Obbo Jaanxiraar Abbaayi akkasumas sadarkaa kaantibaa ittaanaatti hojii raawwachisaa mana qopheessaa Obbo Xiratu Bayyanaa argamaniiru.

Raawwiin hojiiwwan gurguddoo bara baajatichaafi raawwii cimaa adeemsa keessatti raawwatamniifi hanqinoonni dhiyaachuun marii bal’aan adeemsifamaa jira.

Piroojektoonni gurguddoon fayyadamummaa diinagdeefi hawaasa ummata magaalatti mirkaneessan Kan hojjataman yoo ta’u, weerara lafaa seeran alaa, gama hojmaata badaa mana waliin jireenyaafi mana gandaatti mul’atu ittisuutin hojii boonsan galma’uu qoranicharratti dhiyaatera.

Qindoominni hooggantootaa, hawaasa qindeessun deeggarsi raayyaa ittisa biyyaafi ijaarsa hidha haroomsaaf taasifame, qulqullinni naannoo, tajaajilli tola ooltummaa, misoomni magaarisaafi sagantaaleen biroo hojiiwwan ittaananiif akka ciminatti kan fudhataman ta’uun himamuusaa ragaan pirees seekireetaariyaati magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015