Itoophiyaa fi Jaappaan waliigaltee deeggarsa doolara miiliyoona 2.7mallatteessan

55

Finfinnee, Adooleessa 20/2013 (TOI) – Itoophiyaa fi Jaappaan waliigaltee deeggarsa doolaara miiliyoona 2.7 mallatteessaniiru.

Ministirri Deettaan Ministeera Maallaqaa Yaasimii Wahaabarbii fi Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Jaappaan Ittoo Taakaakoon walii galticha mallatteessaniiru.

Deeggarsichi oomisha Ruuzii dhiyeessuun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuf kan gargaaruu fi dhiyeessii Ruuzii Gabaarratti guddisuuf kan gargaarudha.

Haala walii galtee kanaan Ruuzii toonii kuma 3 fi 300 wabii nyaataaf kan oluu dhiheessudha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015