Hidha Haaromsa Guddicha waliin walqabatee miidhaalee dhufan fashaaleessuuf furmaanni isaa tokkummaa Itoophiyaanootaadha- Abbootii Qabeenyaa Indiyaa

68

Finfinnee, Adoolessa 17/2013(TOI) - Itoophiyaanonni gufuulee idil-addunyaa fashaaleessuun Hidha Haaromsaa Guddichaa hanga xumuraatti dhaqabsiisuuf tokkummaan dhaabbachuu akka qaban Itoophiyaa keessatti dhalatanii kan guddatan abbootiin qabeenyaa Indiyaa himan.

Itoophiyaa keessatti dhalachuuniifi guddachuun gama invastimantii irratti kan bobba’an obbo Mayor Kotariifi Haarish Kotarii Hidha Haaromsaa Guddicha waliin walqabatee tajaajila oduu Itoophiyaa waliin turtii taasisaniiru.

Lammileen Indiyaa kun kunneen ofii isaanii akka lammii Itoophiyaatti kan ibsan, Itoophiyaatti gama oomishaan kophee, mismaara, shiboo fi pilaastikaafi meeshaalee gara garaa oomishuu irratti kan bobba’aniidha.

Bittaa boondiifi deeggarsa gara garaa taasisuun Hidha Haaromsichaa dhugoomsuuf gumaacha gamasaanii bahachaa kan turan ta’uu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015