Galiin birrii biiliyoona 279 walitti qabameera- Ministeera Galiiwwanii

66

Finfinnee, Adooleessa 16/2013 (TOI) - Bara bajataa 2013 galiin birrii biiliyoona 290 walitti qabuuf karoorfamee galiin birriin biiliyoona 279 ol walitti qabamuu Ministirri Galiiwwanii obbo Laaqee Ayaleewu beeksisaan.

Obbo Laaqeen kana kan beeksisaan yeroo gabasaa mana maree ministeetootaf gabaasa dhiheessanidha.

Galiin argame kunis karoora waggaa bara kana keessaa harka 96.2 kan milkaa'e yoo ta'u raawwan galii walitti qabuuf guddina guddaa kan agarsiisedha jedhaniiru.

Raawwiin Karoora ministeerichaa kan bara darbee yeroo walfakkaataa yoo madaalamu Taaskii biyya keessaa harka 29.6, ka gumurukaa harka 7.2, waliigalaan immoo harka 19 yookaan galii birrii biiliyoona 45 caalmaa qaba jedhameera.

Raawwiin karooricha rakkoo Koroonaa fi dhimma nageenyaa naannoo Tigiraayi fi bakkoota biroo jiru keessaatti kan galmaa'e waan ta'eef jajjabeessadha akka j obbo Laaqeen jedhan ragaan fuula feesbuukii Waajjira ministeera galiiwwaniirraa argame ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015