Ministeerichi daldala ala ergiirraa Doolaara biiliyoona 3.62 argate.

77

Finfinnee, Adoolessa 16/2013(TOI)-Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii bara 2013tti Daldala Al ergiirraa Doolaara Biliyoona 3.62 argachuu beeksise.Raawwiin isaas harka 88 dha jedhameera.

Raawwiin kun kan bara 2012 waktii kanaan yoo madaalamu Doolaara Miliyoona 500fi miliyoona 92 yookan haraka 19 caalmaa qabaa jedhan Ministiir Deetaan Dinisteera Daldalaa fi babal’ina damee daldalaa Amaasaaddar Misgaanuu Araggaa ibsa kennaniin.

Daldala al ergii damee oomisha qonnaarraa Doolaarri Biliyoona 2.47,damee manufaakcheeriingiin doolaara miliyoona 300 fi miliyoona 90,Doolaarri Miliyoona 600fi miliyoona 68 ammoo Albuudaarra akka argame Ambaasaddar Misgaanuun.

Oomishaaleen galiin irraa argamee keessa harka 83 kan qaban Omisha bunaa harka 25, Abaaboo harka 13, oomishaalee dibataa harka 9, Jimaa harka 11, Midhaan dheedhii harka 6, Warqee harka 19 qabu jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015