“Mootummoonni dhufan Itiyoophiyaan ana boodas itti fufti jedhanii amanuu qabu” —obbo Leencoo Lataa

56

Finfinnee Bitootessa 15/2011 “Mootummoonni dhufan Itiyoophiyaan ana boodas itti fufti jedhanii amanuu qabu jechuudhaan dura taa’aan adda demokiraasummaa Oromoo obbo Leencoo Lataa ibsan.

Obbo Leencoon kana kan ibsan qopheessummaa waajjira muummichaatiin waltajjii marii Bitootessa 15/2011 adeemsifamrratti jijjiirama waggaa tokko kana keessatti dhufe akkasumas gufuuwwan mudatan irratti dha.

Hundeessaa ABO keessaa tokko kan ta’an obbo Leencoo Lataa waggoota muraasa dura dhaaba adda demokiraasummaa Oromoo jedhamu hundeessaniiru.

Obbo Leencoon marii kanarratti muuxannoo siyaasaa fi ejjennoo qaban mari’attootaaf qoodaniiru.

Akka kanaan hiriirri siyaasaa amma Itiyoophiyaa keessa jiru xiyyoowwan sabaa fi tokkummaa jedhan lama irratti kan hundeeffame ta’uu eeraniiru.

Haal duree demokiraasii keessaa tokko eenyummaa biyyaarratti walii galuun barbaachisaa ta’usaa fi Itiyoophiyaatti garuu gama kanaan walii galteen akka hin jirre obbo Leencoon bubbataniiru.

Fakkeenyaaf yaadonni  “Itiyoophiyaan maal fakkaatti, Itiyoophiyummaan maal-maal of keessatti qabata?” jedhan irratti walii galteen akka hin jirre ibsaniiru.

Kun bakka jirutti hiriironni siyaasaa biyyattii keessa jiran gara sabummaatti kan madaalan ta’uu ibsa kennaniiru.

Keeniyaa, Ugaandaa, Afriikaa kibbaa fi biyyoota birootti paartileen sabaan gurmaa’an akka hin jirre akka fakkeenyaatti kaasanii, Itiyoophiyaatti garuu paarileen sabarratti hundaa’anii gurmaa’an baay’een akka jiran kaasaniiru.

Sababoota kanneeniif ammoo hundi of gaafachuu akka qabu kan yaadachiisan obbo Leencoon, kanaaf deebiin yoo hin argamne fala argachuun akka hin danda’amnes dubbataniiru.

Filannoo dhufu bilisaa fi haqa qabeessa gochuuf ijaarsi dhaabbilee fi ilaalchaa barbaachisaa akka ta’e kaasaniiru.

Kanaan dura biyya kan bulchan hundi “ yoon ani hin jirre Itiyoophiyaan hin jiraattu” amanta jedhu qabatanii socho’aa akka turan kan eeran obbo Leencoon, kun jalqabumarraa ilaalcha dogoggoraa ta’uusaa fi mootummoonni dhufan Itiyoophiyaan isaan boodas akka itti fuftu amanuu qabu jedhaniiru.

Ilaalchota kanneen hunda geeddaruuf filannoon dhufu osoo hin qaqqabiin beektonni siyaasaa miira itiyoophiyummaatiin walitti siqanii mari’achuu akka qaban hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015